Faarfannaa Yeroo Midhaan Galfamuu 
 Faarfannaa 67
Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Faarfannaa. 
 1 Waaqni garaa nuuf laafu; nu haa eebbisus; 
fuula isaas nurratti haa ibsu; 
 2 kunis akka karaan kee lafa irratti, 
fayyisuun kee immoo saboota hundumaa biratti beekamuuf. 
 3 Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; 
saboonni hundii si haa jajatan. 
 4 Ati waan qajeelummaadhaan namoota bulchituuf, 
saboota lafa irraas waan geggeessituuf, 
saboonni haa gammadanis; ililchaniis haa faarfatan. 
 5 Yaa Waaqayyo, saboonni si haa jajatan; 
saboonni hundii si haa jajatan. 
 6 Lafti midhaan kenniteerti; 
Waaqayyo Waaqni keenyas nu eebbiseera. 
 7 Waaqni nu eebbiseera; 
handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu.