Diinota Gara Jabeeyyii Gidduutti 
 Faarfannaa 57
57:7‑11 kwf – Far 108:1‑5 
Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo “Hin balleessin” jedhuun faarfatame. Faarfannaa Daawit. Miiktaamii. Innis yeroo Saaʼol jalaa baqatee holqatti galee faarfate. 
 1 Na maari; yaa Waaqa na maari; 
lubbuun koo sitti kooluu galtiitii. 
Anis hamma balaan darbutti, 
gaaddisa qoochoo keetii jalatti kooluu nan gala. 
 2 Ani gara Waaqa Waan Hundaa Oliitti, 
gara Waaqa haaloo naa baasuutti nan iyya. 
 3 Inni samii irraa ergee na oolcha; 
warra akka malee na ariʼan ni ifata; 
Waaqni jaalala isaatii fi amanamummaa isaa ni erga. 
 4 Ani leencota gidduun jira; 
ani bineensota nama nyaatan, 
namoota ilkaan isaanii eeboo fi xiyyaa 
kanneen arrabni isaanii akka goraadee qaramaa gidduu ciiseera. 
 5 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; 
ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu. 
 6 Isaanis kiyyoo miilla kootiif kaaʼan; 
lubbuun koos dhiphinaan gad gogdeerti. 
Isaan karaa koo irratti boolla qotan; 
garuu isaanumattu keessatti kufe. 
 7 Yaa Waaqi, garaan koo hin raafamu; 
garaan koo hin raafamu; 
ani nan faarfadha; nan weeddisas. 
 8 Yaa lubbuu ko, dammaqi! 
Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa! 
Anis ganamaan nan dammaqa. 
 9 Yaa Gooftaa, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha; 
namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha. 
 10 Jaalalli kee guddaa dha; samiiwwanis gaʼaatii; 
amanamummaan kees samiiwwan qaqqaba. 
 11 Yaa Waaqi, ati samiiwwaniin olitti ol ol jedhi; 
ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.