28
 1 Dhugumaan iddoon meetiin keessaa qotamu, 
lafti warqeen itti baafamee qulqulleeffamu jira. 
 2 Sibiilli lafa keessaa baafama; 
sibiilli diimaan immoo dhagaa albuudaa irraa baqfama. 
 3 Namni hamma dhuma dukkanaatti deema; 
moggaa akka malee fagoo dhaqees, 
dukkana hamaa keessa dhagaa albuudaa barbaada. 
 4 Inni lafa namoonni jiraatan irraa fagaatee 
iddoo miilli namaa ejjetee hin beeknetti boolla qota; 
namoota irraa fagaatee ni rarraʼa; asii fi achis ni raafama. 
 5 Lafa irraa garuu nyaatatu argama; 
jala isheetiin immoo akka waan ibidda taateetti geeddaramti; 
 6 dhagaan isaa burqaa sanpeerii ti; 
biyyoon isaas warqee qaba. 
 7 Allaattiin tokko iyyuu karaa dhokfame sana hin beeku; 
iji culullees karaa sana hin argine. 
 8 Bineensonni sodaachisoon irra hin ejjenne; 
leencis karaa sana hin darbine. 
 9 Harki namaa dhagaa jabaa cabsa; 
hundee tulluuwwanii immoo ni gaggaragalcha. 
 10 Inni kattaa keessaan karaa baasa; 
iji isaas waan gatii guddaa hunda arga. 
 11 Madda lageenii ni sakattaʼa; 
waan dhokfames ifatti ni baasa. 
 12 Ogummaan garuu eessaa argamti? 
Hubannaanis eessa jiraata? 
 13 Namni gatii isaa hin beeku; 
inni biyya jiraattotaa keessatti hin argamu. 
 14 Tujubni, “Inni na keessa hin jiru” jedha; 
galaannis, “Inni na bira hin jiru” jedha. 
 15 Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu; 
gatiin isaas meetiidhaan hin madaalamu. 
 16 Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiitti 
yookaan sanpeeriitti hin tilmaamamu. 
 17 Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu; 
inni faaya warqee qulqulluutiin hin geeddaramu. 
 18 Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman; 
gatiin ogummaa lula diimaa caala. 
 19 Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu; 
warqee qulqulluudhaanis bitamuu hin dandaʼu. 
 20 Yoos ogummaan eessaa dhufti ree? 
Hubannaanis eessa jiraatti? 
 21 Isheen ija uumama hundaa jalaa dhokatteerti; 
simbirroota samii jalaas baddeerti. 
 22 Badiisnii fi Duuti, “Nu oduu ishee qofa 
gurra keenyaan dhageenye” jedhu. 
 23 Waaqa qofatu daandii gara ishee geessu hubatee, 
lafa inni jiraatus beeka; 
 24 inni handaara lafaa ni ilaala; 
waan samii jala jiru hunda ni argaatii. 
 25 Inni yommuu bubbeedhaaf humna kennee 
bishaanota safaretti, 
 26 yommuu bokkaadhaaf seera dhaabee 
bakakkaaf immoo daandii baasetti, 
 27 inni ogummaa ilaalee madaale; 
jabeessee dhaabee ishee qorate. 
 28 Ergasii ilmaan namaatiin, 
“Gooftaa sodaachuun ogummaa; 
waan hamaa irraa fagaachuunis hubannaa dha” jedhe.