2
 1 “Obboloota keessaniin, ‘Saba koo’ obboleettota keessaniin immoo, ‘Jaallatamtuu koo’ jedhaa. 
Adabamuu fi Haaromfamuu Israaʼel 
 2 “Haadha keessanitti dheekkamaa; isheetti dheekkamaa; 
isheen niitii koo mitiitii; 
anis dhirsa ishee miti. 
Isheen fuula ishee irraa ilaalcha ejjummaa haa balleessitu; 
amanamummaa dhabuus harma ishee gidduudhaa haa balleessitu. 
 3 Yoo kanaa achii ani wayyaa ishee irraa baasee 
akkuma guyyaa isheen dhalatte sanaa qullaa ishee nan hambisaa; 
akkuma gammoojjii ishee nan godha; 
lafa goggogaatti ishee nan geeddara; 
dheebuudhaanis ishee nan ajjeesa. 
 4 Isaan ijoollee ejjummaa waan taʼaniif, 
ani ijoollee isheetiif garaa hin laafu. 
 5 Haati isaanii amanamummaa dhabdee 
karaa salphinaatiin isaan ulfoofte. 
Isheen, ‘Ani warra na jaallatu, 
warra nyaata koo fi bishaan koo, 
warra suufii koo fi wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame, 
warra dibataa fi dhugaatii koo naaf kennan 
duukaa nan buʼa’ jette. 
 6 Kanaafuu ani haafa qoraattiitiin daandii ishee nan cufa; 
akka isheen karaa ittiin baatu hin arganneef dallaa itti nan ijaara. 
 7 Isheen michoota ishee duukaa buuti; garuu isaan hin qaqqabdu; 
isaan barbaaddi; garuu hin argitu. 
Ergasii isheen, ‘Ani akkuma duraa 
gara dhirsa kootti nan deebiʼa; 
amma caalaa yeroo sana wayya tureetii’ jetti. 
 8 Isheen akka ani midhaan, 
daadhii wayinii haaraa fi zayitii isheedhaaf kenne, 
meetii fi warqee isaan Baʼaaliif dhiʼeessanis 
kan ishee irratti dhangalaase anuma akka taʼe hin beekne. 
 9 “Kanaafuu ani yeroo inni bilchaatutti midhaan koo, 
daadhii wayinii koo haaraa illee yeroo inni qophaaʼutti 
irraa nan fudhadha.
irraa nan fudhadha.
Ani suufii koo fi wayyaa koo kan quncee talbaa irraa hojjetame 
kanan qullaa ishee dhoksuudhaaf kenneefis 
amma ishee irraa nan fudhadha.
amma ishee irraa nan fudhadha.
 10 Ani amma ijuma michoota ishee duratti 
addaggummaa ishee nan saaxila; 
namni tokko iyyuu harka koo keessaa ishee hin baasu. 
 11 Ani ayyaana ishee hunda jechuunis, 
ayyaana ishee kan waggaa, ayyaana ishee kan gaafa baatii haaraa, 
ayyaana ishee kan Sanbataatii fi 
ayyaanota ishee kanneen murtaaʼan hunda nan hambisa. 
 12 Ani muka wayinii isheetii fi muka harbuu ishee 
kan isheen michoota kootu naaf kenne jettu sana nan barbadeessa. 
Ani daggala isaan nan godha; 
bineensi bosonaa isaan dheeda. 
 13 Ani guyyoota isheen itti 
Baʼaaliif ixaana aarsite sanaaf ishee nan adaba; 
isheen qubeelaa fi faaya garaa garaatiin 
of miidhagsitee michoota ishee duukaa butee na irraanfatte” 
jedha Waaqayyo. 
 14 “Kanaafuu ani amma ishee nan sossoba; 
gara lafa gammoojjiitti ishee geessee 
jaalalaan itti nan dubbadha. 
 15 Ani iddoo dhaabaa wayinii ishee deebisee nan kennaaf; 
Sulula Aakooris balbala abdii nan godha. 
Isheen achitti akkuma gaafa shamarrummaa isheetti, 
akkuma gaafa biyya Gibxii baateetti sirbiti. 
 16 “Ati gaafa sana” jedha Waaqayyo; 
“ ‘Dhirsa koo’ jettee na waamta; 
ati lammata deebitee, ‘Gooftaa koo’ naan hin jettu. 
 17 Ani maqaawwan Baʼaal afaan isheetii nan balleessa; 
maqaan isaanii lammata hin dhaʼamu. 
 18 Ani gaafas bineensa bosonaatii fi simbirroota samii wajjin, 
uumamawwan lafa irra munyuuqan wajjin 
isaaniif kakuu nan gala. 
Ani akka isin nagaadhaan bultaniif 
xiyya, goraadee fi waraana 
lafa irraa nan balleessa. 
 19 Ani bara baraan ofii kootiif sin kaadhimadha; 
ani qajeelummaa fi dhugaadhaan 
jaalalaa fi gara laafinaan sin kaadhimadha. 
 20 Ani amanamummaadhaan sin kaadhimadha; 
atis Waaqayyoon ni beekta.” 
 21  Waaqayyo akkana jedha; 
“Ani gaafas deebii siif nan kenna; 
ani samiif deebii nan kenna; 
samiinis lafaaf deebii ni kenna; 
 22 laftis midhaaniif, daadhii wayinii haaraa fi 
zayitiif deebii kenniti; 
isaanis Yizriʼeeliif deebii kennu. 
 23 Ani ofii kootiif lafa irra ishee nan dhaabbadha; 
ani kanan, ‘Ati jaalallee koo miti’ jedheen sana nan jaalladha. 
Ani warra, ‘Isin saba koo miti’ jedhaman sanaan, ‘Isin saba koo ti’ nan jedha; 
isaanis, ‘Ati Waaqa koo ti’ naan jedhu.”