8
Guuboo Ija Bilchaateen Guutame 
 1  Waaqayyo Gooftaan waan kana natti argisiise: kun guuboo ija bilchaateen guutamee dha.  2 Innis, “Amoos, ati maal arguutti jirta?” jedhee na gaafate. 
Ani immoo, “Guuboo ija bilchaateen guutame tokko” jedheen deebiseef. 
Ergasii Waaqayyo akkana naan jedhe; “Saba koo Israaʼelitti yeroon dhufeera; ani siʼachi isaan hin baraaru.” 
 3  Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Gaafas faarfannaan mana qulqullummaa keessaa booʼichatti geeddarama. Reeffi akka malee hedduun lafa hundatti gatama! Calʼisuunis ni taʼa!” 
 4 Isin warri rakkattoota dhidhiittanii 
hiyyeeyyii biyyattii balleessitan waan kana dhagaʼaa; 
 5 isin akkana jettu; 
“Akka nu midhaan gurgurannuuf 
Baatiin Haaraan yoom goobana? 
Akka nu qamadii gabaa baafannuuf 
Sanbanni yoom darba?” 
Isin warri safartuu xinnootti fayyadamtanii 
gatii immoo ol kaaftan, madaalii sobaatiin 
nama gowwoomsitanii saamtu; 
 6 hiyyeeyyii meetiidhaan, 
rakkataa immoo kophee miilla lamaaniitiin bitattanii 
girdiis qamadii wajjin gurgurattu. 
 7  Waaqayyo akkana jedhee ulfina Yaaqoobiin kakateera; “Ani gonkumaa waan isaan hojjetan tokko illee hin irraanfadhu. 
 8 “Sababii kanaaf lafti kirkirtee 
namoonni ishee keessa jiraatan hundi hin booʼanii? 
Guutummaan biyya sanaa akkuma laga Abbayyaa ol kaʼa; 
isheen akkuma laga Gibxi 
ol dadarbatamtee liqimfamti.” 
 9  Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; “Bara sana, 
“Ani akka aduun saafaadhaan dhiitee 
laftis guyyuma adiidhaan dukkanooftu nan godha. 
 10 Ani ayyaana amantii keessanii gaddatti, 
sirba keessan hundas booʼichatti nan geeddara. 
Ani akka isin hundi wayyaa gaddaa uffattanii 
mataa keessan haaddattan nan godha. 
Ani yeroo sana akkuma booʼicha ilma tokkichaa, 
dhuma isaas akka guyyaa hadhaaʼaa nan godha.” 
 11  Waaqayyo Gooftaan akkana jedha; 
“Yeroon ani biyyattiitti beela fidu tokko ni dhufa; 
innis beela dubbii Waaqayyoo dhagaʼuu ti malee 
beela nyaataa yookaan dheebuu bishaanii miti. 
 12 Namoonni dubbii Waaqayyoo barbaacha 
galaanaa gara galaanaatti, 
kaabaa gara baʼa biiftuutti ni jooru; 
garuu hin argatan. 
 13 “Bara sana 
“Shamarran babbareedoo fi 
dargaggoonni dhiiraa jajjaboon dheebotanii gaggabu. 
 14 Warri cubbuu Samaariyaatiin kakatan 
yookaan ‘Yaa Daan dhugaa waaqa kee jiraataa’ jedhan, 
yookaan warri ‘Dhugaa waaqa Bersheebaa’ jedhanii 
kakatan akka lammata hin kaaneef ni kufu.”