3
Dhuga baatota Israaʼelitti Dhugaa Baʼan 
 1 Yaa saba Israaʼel, dubbii Waaqayyo isiniin mormuudhaan, maatii ani biyya Gibxii baasee fide hundaan mormuudhaan dubbate kana dhagaʼaa: 
 2 “Ani maatiiwwan lafa irra jiraatan 
hunda keessaa isin qofa filadheera; 
kanaafuu ani cubbuu keessan 
hundaaf isinan adaba.” 
 3 Yoo walii galan malee 
namoonni lama wajjin ni deemuu? 
 4 Leenci tokko yoo waan adamsu hin argatin 
bosona keessaa ni aadaa? 
Inni yoo waa qabate malee 
holqa isaa keessaa ni aadaa? 
 5 Simbirri tokko lafa kiyyoon hin kaaʼaminitti 
kiyyoo keessa ni seentii? 
Kiyyoon tokko yoo wanni qabamu hin jirre 
akkasumatti lafaa ni utaalaa? 
 6 Yoo magaalaa keessatti malakanni afuufame, 
namoonni hin raafamanii? 
Balaan magaalaa tokkotti yoo dhufe, 
Waaqayyotu waan sana fide mitii? 
 7 Dhugumaan Waaqayyo Gooftaan 
utuu tajaajiltoota isaa raajotatti hin mulʼisin 
waan tokko illee hin hojjetu. 
 8 Leenci aadeera; 
eenyutu hin sodaanne ree? 
Waaqayyo Gooftaan dubbateera; 
yoos eenyutu raajii hin dubbanne ree? 
 9 Daʼannoo Ashdoodiitii fi 
daʼannoo Gibxitti akkana jedhaa labsaa: 
“Tulluuwwan Samaariyaa irratti walitti qabamaa; 
jeequmsa guddaa ishee keessa jiruu fi 
cunqursaa uummata ishee keessa jiru ilaalaa.” 
 10 “Warri daʼannoo isaanii keessatti waan boojiʼamee fi 
waan saamame kuufatan
waan saamame kuufatan
akka itti waan qajeelaa hojjetan hin beekan” 
jedha Waaqayyo. 
 11 Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: 
“Diinni biyya keessan marsa; 
jabina keessan gad buusa; 
daʼannoowwan keessanis ni saama.” 
 12  Waaqayyo akkana jedha: 
“Akkuma tikseen tokko lafee miilla lamaanii 
yookaan fiixee gurraa qofa afaan leencaatii buusu sana, 
Israaʼeloonni Samaariyaa keessa, qarqara siree isaanii irra, 
Damaasqoo keessas siree isaanii dinkii irra taaʼan 
akkasuma ni baraaramu.” 
 13 “Waan kana dhagaʼaatii mana Yaaqoobitti dhugaa baʼaa” jedha Gooftaan, Waaqayyo Waaqni Waan Hunda Dandaʼu. 
 14 “Guyyaa ani cubbuu isheetiif jedhee Israaʼelin adabutti, 
iddoowwan aarsaa Beetʼeel nan barbadeessa; 
gaanfawwan iddoo aarsaas caccabanii 
lafatti ni harcaʼu. 
 15 Ani mana gannaatii fi 
mana bonaa nan diiga; 
manneen ilka arbaatiin miidhagfaman ni diigamu; 
manneen gurguddaanis ni balleeffamu” 
jedha Waaqayyo.