Waaqa Nama Gargaaru Faarfachuu 
 Faarfannaa 146
 1 Haalleluuyaa. 
Yaa lubbuu ko, Waaqayyoon galateeffadhu. 
 2 Ani bara jireenya koo guutuu Waaqayyoon nan galateeffadha; 
ani hamman jirutti Waaqaaf nan faarfadha. 
 3 Abdii keessan bulchitoota irra, 
namoota duʼa hin oolle 
warra isin gargaaruu hin dandeenye irra hin kaaʼatinaa.
warra isin gargaaruu hin dandeenye irra hin kaaʼatinaa.
 4 Isaan yeruma lubbuun isaan keessaa baatu gara lafaatti deebiʼu; 
guyyuma sanas karoorri isaanii bada. 
 5 Namni gargaarsi isaa Waaqa Yaaqoob taʼe, kan abdiin isaas 
Waaqayyo Waaqa isaa taʼe eebbifamaa dha. 
 6  Waaqayyo Uumaa samii fi lafaa, 
galaanaa fi waan isaan keessa jiru hundaa ti; 
inni bara baraan amanamaa taʼe jiraata. 
 7 Inni warra cunqurfamaniif ni mura; 
warra beelaʼaniif nyaata kenna. 
Waaqayyo warra hidhaman illee ni hiika; 
 8  Waaqayyo jaamotaaf agartuu ni kenna; 
Waaqayyo warra gad deebiʼan ol qaba; 
Waaqayyo qajeeltota ni jaallata. 
 9  Waaqayyo alagaadhaaf eegumsa ni godha; 
ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabnee fi 
dubartoota dhirsoonni irraa duʼan ni jiraachisa; 
karaa jalʼootaa garuu ni balleessa. 
 10  Waaqayyo bara baraan ni moʼa; 
Yaa Xiyoon, Waaqni kee dhaloota hundaaf mootii taʼa. 
Haalleluuyaa.