Miidhagina Waaqayyoo 
 Faarfannaa 93
 1  Waaqayyo ni moʼa; surraas ni uffata; 
Waaqayyo surra ni uffata; jabinas hidhata. 
Addunyaan cimtee dhaabamteerti; hin sochoofamtus. 
 2 Teessoon kee durumaa jalqabee cimee dhaabateera; 
ati durii duriitii jalqabdee jirta. 
 3 Yaa Waaqayyo, galaanonni ol kaasaniiru; 
galaanonni sagalee isaanii ol kaafataniiru; 
galaanonni huursuu isaanii ol kaafataniiru. 
 4 Sagalee bishaan baayʼee caalaa, 
jabina dhaʼaa galaanaa caalaas, 
Waaqayyo ol gubbaa jiru sun humna qabeessa. 
 5 Seerri kee jabaatee ni dhaabata; 
Yaa Waaqayyo, qulqullummaan bara baraan 
faaya mana keetii ti.