Kadhannaa Yeroo Rakkinaa 
 Faarfannaa 86
Kadhannaa Daawit. 
 1 Yaa Waaqayyo, waan ani hiyyeessaa fi rakkataa taʼeef, 
na dhagaʼiitii deebii naa kenni. 
 2 Ani sitti of kenneeraatii lubbuu koo eegi. 
Ati Waaqa koo ti; 
garbicha kee kan si amanatu oolchi. 
 3 Yaa Gooftaa na maari; 
ani guyyaa guutuu sin waammadhaatii. 
 4 Lubbuu garbicha keetii gammachiisi; 
yaa Gooftaa, ani lubbuu koo gara keetti oli nan fuudhaatii. 
 5 Yaa Gooftaa ati gaarii dha; dhiifamas namaa goota; 
warra si waammatan hundaafis jaalalli kee guddaa dha. 
 6 Yaa Waaqayyo, kadhannaa koo dhagaʼi; 
iyya waammata koos dhaggeeffadhu. 
 7 Ani guyyaa rakkina kootiitti sin waammadha; 
ati deebii naa kennitaatii. 
 8 Yaa Gooftaa, waaqota keessaa kan akka keetii hin jiru; 
hojiin hojii keetiin wal qixxaatu tokko iyyuu hin jiru. 
 9 Yaa Gooftaa, saboonni ati uumte hundinuu dhufanii, 
fuula kee duratti ni sagadu; 
maqaa keetiifis ulfina fidu. 
 10 Ati guddaa fi kan hojii dinqisiisaa hojjettuu dha; 
Waaqni suma qofa. 
 11 Yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi; 
anis dhugaa keetiin nan bula; 
akka ani maqaa kee sodaadhuuf, 
garaa gargar hin qoodamne naa kenni. 
 12 Yaa Waaqa koo Gooftaa, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha; 
maqaa kee illee bara baraan nan ulfeessa. 
 13 Jaalalli ati naa qabdu guddaadhaatii; 
lubbuu koo dhidhima siiʼool keessaa baafteerta. 
 14 Yaa Waaqi, of tuultonni natti kaʼaniiru; 
tuunni finciltootaa, namoonni si hin sodaanne 
lubbuu koo galaafachuu barbaadu. 
 15 Yaa Gooftaa, ati garuu Waaqa garaa laafessaa fi arjaa dha; 
daftee hin aartu; jaalallii fi amanamummaan kee dhuma hin qabu. 
 16 Gara kootti deebiʼiitii na maari; 
jabina kee tajaajilaa keetii kenni; 
ilma garbittii keetiis oolchi. 
 17 Akka diinonni koo arganii qaanaʼaniif, 
mallattoo gaarummaa keetii naa kenni; 
yaa Waaqayyo, ati na gargaartee na jajjabeessiteertaatii.