35
Gammachuu Warra Furamanii 
 1 Gammoojjii fi lafti gogaan ni gammadu; 
lafti onaan ni ililcha; ni daraaras. 
Akka arfaasee,  2 baayʼinaan daraara; 
akka malee gammadees ililcha. 
Ulfinni Libaanoon, surraan Qarmeloosii fi 
Shaaroon ni kennamaaf; 
isaan ulfina Waaqayyoo, 
surraa Waaqa keenyaas ni argu. 
 3 Harka dadhabe jajjabeessaa; 
jilba laafes cimsaa; 
 4 warra garaan isaanii sodaatuun akkana jedhaa: 
“Jabaadhaa; hin sodaatinaa; 
Waaqni keessan ni dhufa; 
inni haaloo baasuuf dhufa; 
gatii malu qabatee 
isin oolchuuf ni dhufa.” 
 5 Ergasii iji nama jaamaa ni banama; 
gurri nama duudaas ni dhagaʼa. 
 6 Gaafas namni naafti akkuma gadamsaa utaala; 
arrabni hidhamaanis gammachuudhaan faarfata. 
Bishaan gammoojjii keessaa, 
burqaanis gammoojjii keessaa cabsee baʼa. 
 7 Lafti nama gubu haroo, 
lafti gogaan immoo burqaa bishaanii taʼa. 
Boolla duraan waangoonni keessa ciisan irratti marga, 
shambaqqoo fi dhallaadduutu biqila. 
 8 Karaan guddaan tokko achi ni jiraata; 
innis, Karaa Qulqullinaa jedhamee waamama; 
inni warra Karaa sana irra deemaniif taʼa. 
“Xuraaʼonni” isa irra hin deeman; 
gowwoonni achiinuu hin baʼan. 
 9 Leenci achitti hin argamu; 
yookaan bineensi hamaan achi irra hin baʼu; 
isaan achitti hin argaman. 
Garuu warra furaman qofatu achi irra deema; 
 10 warri Waaqayyo isaan fure ni deebiʼu. 
Isaan faarfannaadhaan Xiyoon seenu; 
gammachuun bara baraa mataa isaanii irra jiraata. 
Isaan gammachuu fi ililleedhaan guutamu; 
gaddii fi booʼichi isaan irraa fagaatu.