32
Mootummaa Qajeelummaa 
 1 Kunoo mootiin qajeelummaadhaan moʼa; 
bulchitoonnis murtii qajeelaadhaan bulchu. 
 2 Tokkoon tokkoon namaa akkuma daʼannoo bubbee jalaa itti daʼatanii, 
akkuma iddoo itti jabaa jalaa baqataniitti, 
akkuma bishaan gammoojjii keessa yaaʼuutii fi 
akkuma gaaddisa kattaa guddaa kan lafa gogaa keessaa ni taʼa. 
 3 Ergasiis iji warra waa arguu hin dunuunfatu; 
gurri warra waa dhagaʼuus ni dhaggeeffata. 
 4 Qalbiin nama jarjaru tokkoo ni beeka; ni hubata; 
arrabni giingees qajeelchee qulqulleessee dubbata. 
 5 Siʼachi gowwaan ulfina qabeessa hin jedhamu; 
addaggeenis baayʼee hin kabajamu. 
 6 Gowwaan sababii gowwummaa dubbatuuf 
qalbiin isaa hammina hojjeta; 
inni waan Waaqni hin jaallanne hojjeta; 
waaʼee Waaqayyoos dogoggora odeessa; 
inni nama beelaʼe beela hin baasu; 
nama dheebote illee bishaan dhowwata. 
 7 Malli addaggee hammina; 
inni utuma iyyanni rakkattootaa qajeelaa taʼee jiruu 
sobumaan hiyyeeyyii balleessuuf jedhee jalʼina yaada. 
 8 Namni ulfina qabeessi garuu karoora ulfaataa baasa; 
hojii ulfina qabeessa sanattis ni jabaata. 
Dubartoota Yerusaalem 
 9 Yaa dubartoota akka malee boontan 
kaʼaatii na dhaggeeffadhaa; 
yaa intallan waan nagaa qabdan of seetan 
waan ani jedhu dhagaʼaa! 
 10 Isin warri waan nagaa qabdan of seetan 
erga waggaan tokko xinnuma darbee booddee ni hollattu; 
wayiniin ija hin kennu; 
yeroon itti iji walitti qabamus hin dhufu. 
 11 Yaa dubartoota boontuuwwan isin holladhaa; 
intallan waan nagaa qabdan of seetanis raafamaa! 
Uffata keessan of irraa baasaatii 
wayyaa gaddaa mudhii keessanitti hidhadhaa. 
 12 Lafa qotiisaa gaariif, 
muka wayinii ija naqatuufis laphee keessan dhaʼaa; 
 13 lafa uummata koo kan qoraattii fi 
sokorruun irratti guddatuuf laphee keessan dhaʼaa; 
dhugumaan manneen gammachuu hundaa fi 
magaalaa fandalaltuu kanaaf booʼaa. 
 14 Daʼannoon ni ona; 
magaalaan namni keessa guutes duwwaa hafti; 
magaalaan jabduunii fi qooxiin eegumsaa bara baraan ni onu; 
iddoo harreen diidaa keessa burraaqxuu fi iddoo bushaayeen itti bobbaʼan taʼu; 
 15 kunis hamma Hafuurri Qulqulluun 
gubbaadhaa nurratti dhangalaafamuu fi
gubbaadhaa nurratti dhangalaafamuu fi
hamma gammoojjiin lafa qotiisaa gabbataa taʼee 
lafti qotiisaa gabbataan immoo bosona fakkaatutti taʼa. 
 16 Murtii qajeelaan gammoojjii keessa jiraata; 
qajeelummaan immoo lafa qotiisaa gabbataa keessa jiraata. 
 17 Buʼaan qajeelummaa nagaa dha; 
faayidaan qajeelummaa immoo utuu hin birʼatin 
tasgabbiin bara baraan jiraachuu dha. 
 18 Sabni koo iddoo jireenyaa nagaa qabu, 
manneen bultii sodaa hin qabne 
iddoo boqonnaa jeequmsi hin jirre keessa jiraata. 
 19 Yommuu cabbiin bosona irratti buʼu, 
magaalattiin guutumaan guutuutti gad deebiti; 
 20 isin warri qarqara laga hundaatti sanyii facaafattanii 
loon keessanii fi harroota keessan 
nagaan bobbaafattan akkam eebbifamoo dha.