15
Raajii Moʼaabiin Mormu 
16:6‑12 kwf – Erm 48:29‑36 
 1 Raajii waaʼee Moʼaab: 
Aari isheen Moʼaab keessaa diigamteerti; 
halkanuma tokkottis baddeerti! 
Qiir isheen Moʼaab keessaa diigamteerti; 
halkanuma tokkottis baddeerti! 
 2 Diiboon gara mana qulqullummaatti, 
iddoowwan ol kaʼaatti booʼuuf ol baʼa; 
Moʼaabis Neboo fi Meedebaaf ni booʼa. 
Mataan hundinuu haadamaa dha; 
areedni hundinuus cicciramaa dha. 
 3 Isaan daandii irratti wayyaa gaddaa uffatu; 
bantii manaatii fi waltajjii sabaa irratti 
hundi isaanii ni booʼu; 
imimmaan isaaniis ni dhangalaasu. 
 4 Heshboonii fi Eleʼaaleen ni iyyu; 
sagaleen isaaniis hamma Yaahaziitti fagaatee dhagaʼame. 
Kanaafuu loltoonni Moʼaab ni iyyu; 
lubbuun isaaniis ni romʼite. 
 5 Garaan koo Moʼaabiif iyya; 
kooluu galtoonni ishee hamma Zoʼaariitti, 
hamma Eglaati Sheelishiyaatti baqatu. 
Isaan booʼaa, gara Luuhiititti ol baʼu; 
karaa Hooronaayim irrattis, 
waaʼee badii isaanii faarsanii booʼu. 
 6 Bishaanonni Niimriim goganiiru; 
margis coollageera; 
biqiltuuwwan lafaa badaniiru; 
wanni magariisni tokko iyyuu hin hafne. 
 7 Kanaafuu isaan qabeenya argatanii kuufatan sana 
Laga Alaltuu irraan baatanii dabarfatu. 
 8 Iyyi isaanii hamma daarii Moʼaabitti dhagaʼame; 
wawwaachuun isaanii hamma Eglayiimitti 
faaruun booʼicha isaaniis hamma Beʼeer Eeliimiinitti dhagaʼame. 
 9 Bishaanonni Diimon dhiigaan guutamaniiru; 
ani immoo waan kana caalu iyyuu Diimonitti nan fida; 
warra Moʼaab keessaa baqatan 
kanneen biyya sanatti hafanitti leenca nan erga.