6
Israaʼel Qalbii Jijjiirrachuu Didde 
 1 “Kottaa gara Waaqayyootti deebinaa. 
Inni nu ciccireera; 
garuu nu fayyisa; 
inni nu madeesseera; 
garuu madaa keenya ni waldhaana. 
 2 Akka nu fuula isaa dura jiraannuuf, 
guyyaa lama booddee nu bayyanachiisa; 
guyyaa sadaffaatti immoo deebisee nu dhaaba. 
 3 Kottaa Waaqayyoon haa beeknu; 
isa beekuufis haa tattaaffannu. 
Akkuma aduun dhugumaan baatu sana 
inni dhugumaan ni dhufa; 
inni akkuma bokkaa gannaa, 
akkuma bokkaa birraa kan lafa quubsu sanaatti 
gara keenya ni dhufa.
gara keenya ni dhufa.
 4 “Yaa Efreem, ani maalan si godha? 
Yaa Yihuudaa, ani maalan si godha? 
Jaalalli keessan akkuma hurrii ganamaa, 
akkuma fixeensa barii baduu ti. 
 5 Kanaafuu ani raajota kootiin isin cicciree 
dubbii afaan kootiin isin fixe; 
murtiin koos akkuma aduu ni baʼa. 
 6 Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhuutii; 
aarsaa gubamu caalaa Waaqa beekuu nan fedha. 
 7 Isaan akkuma Addaam kakuu cabsaniiru; 
achittis anaaf hin amanamne. 
 8 Giliʼaad magaalaa hamootaa 
kan dhiigaan faalamtee dha. 
 9 Akkuma saamtuun riphxee nama eeggattu sana, 
gareen lubootaas akkasuma godhu; 
isaan yakka qaanessaa hojjechuudhaan 
karaa Sheekem irratti nama ajjeesu. 
 10 Ani mana Israaʼel keessatti 
waan suukaneessaa tokko argeera. 
Achitti Efreem ni sagaagale; 
Israaʼelis ni xuraaʼe. 
 11 “Yaa Yihuudaa sittis 
haamamuun murteeffameera. 
“Yeroo ani boojuu saba koo deebisutti,