Waaqayyo Mootichaaf Galata Galchuu 
 Faarfannaa 145
Faarfannaa Daawit. 
 1 Yaa Waaqa koo Mooticha, ani sin leellisa; 
bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan galateeffadha. 
 2 Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha; 
bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan leellisa. 
 3  Waaqayyo guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf; 
guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu. 
 4 Dhaloonni tokko dhaloota biraatti hojii kee ni hima; 
hojiiwwan kee jajjaboos ni labsa. 
 5 Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa 
surraa kee sanaa ni dubbatu;
surraa kee sanaa ni dubbatu;
anis waaʼee hojii kee dinqisiisaa sanaa irra deddeebiʼee 
itti nan yaada.
itti nan yaada.
 6 Isaan waaʼee hojii kee sodaachisaa sanaa ni odeessu; 
anis guddina kee nan labsa. 
 7 Isaan yaadannoo gaarummaa keetii baayʼisanii odeessu; 
waaʼee qajeelummaa keetiis ililchanii faarfatu. 
 8  Waaqayyo arjaa fi gara laafessa; 
inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha. 
 9  Waaqayyo, nama hundaaf gaarii dha; 
inni waan uume hundaaf garaa ni laafa. 
 10 Yaa Waaqayyo, hojiin kee hundinuu si galateeffata; 
qulqulloonni kees si leellisu. 
 11 Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu; 
waaʼee humna keetiis ni dubbatu; 
 12 kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa, 
surraa ulfina qabeessa mootummaa kee sanaas beekaniif. 
 13 Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti; 
bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba. 
Waaqayyo dubbii isaa hundaan amanamaa dha; 
hojii isaa hundaanis arjaa dha. 
 14  Waaqayyo warra kufan hunda ol qaba; 
warra gad qabaman hundas ni kaasa. 
 15 Iji nama hundaa si eeggata; 
atis yeroo barbaachisutti nyaata isaaniif ni kennita. 
 16 Ati harka kee balʼiftee 
fedhii warra lubbuu qaban hundaa ni guutta. 
 17  Waaqayyo karaa isaa hundaan qajeelaa dha; 
hojii isaa hundaanis arjaa dha. 
 18  Waaqayyo warra isa waammatan hundatti, 
warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha. 
 19 Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta; 
kadhannaa isaanis dhagaʼee isaan oolcha. 
 20  Waaqayyo warra isa jaallatan hunda ni eega; 
jalʼoota hunda garuu ni balleessa. 
 21 Afaan koo Waaqayyoon galateeffachuudhaan ni dubbata. 
Uumamni hundinuu maqaa isaa qulqulluu sana 
bara baraa hamma bara baraatti haa eebbisu.