Waaqayyo Mootiidhaaf Ol aantummaa Kennuu Isaa 
 Faarfannaa 110
Faarfannaa Daawit. 
 1  Waaqayyo, gooftaa kootiin: 
“Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti, 
karaa mirga koo taaʼi” jedhe. 
 2  Waaqayyo, “Diinota kee gidduutti moʼi” jedhee 
bokkuu aangoo keetii Xiyoonii siif erga. 
 3 Gaafa ati waraanaaf baatu, 
loltoonni kee fedhee isaaniitiin si faana qajeelu. 
Ati gadameessa ganamaa keessaa, 
surraa qulqulluu gonfattee fixeensa dargaggummaa keetii qabaatta. 
 4  Waaqayyo, “Akka sirna Malkiiseedeqitti, 
ati luba bara baraa ti” jedhee kakateera. 
Inni yaada isaa hin geeddaru. 
 5 Gooftaan karaa harka kee mirgaa jira; 
inni guyyaa dheekkamsa isaatti mootota ni burkuteessa. 
 6 Inni reeffa tuuluudhaan, bulchitoota guutummaa lafaa 
barbadeessuudhaan sabootatti mura. 
 7 Innis laga karaa cina jiru keessaa ni dhuga; 
kanaafuu mataa ol qabata.