Bulchiinsa Qajeelaa 
 Faarfannaa 101
Faarfannaa Daawit. 
 1 Ani jaalala keetii fi murtii kee qajeelaa sanaaf nan faarfadha; 
Yaa Waaqayyo ani siif nan faarfadha. 
 2 Ani jireenya hirʼina hin qabne jiraachuuf of nan eeggadha; 
ati yoom gara koo dhufta? 
Ani garaa qulqulluudhaan, 
mana koo nan jiraadha. 
 3 Ani ija koo dura, 
waan hamaa hin kaaʼu. 
Hojii jalʼootaa nan jibba; 
nattis hin qabatu. 
 4 Namoonni yaada micciiramaa qaban narraa haa fagaatan; 
ani jalʼina wajjin tokkummaa hin qabaadhu. 
 5 Nama dhoksaan ollaa isaa hamatu kam iyyuu, 
ani afaan nan qabachiisa; 
nama tuffiin nama ilaaluu fi kan garaa of tuulu qabuuf, 
ani obsa hin qabaadhu. 
 6 Akka isaan na wajjin jiraataniif, 
iji koo amanamoota biyyattii irra jiraatti; 
namni karaa qajeelaa irra deemu, inni na tajaajila. 
 7 Namni nama gowwoomsu tokko iyyuu 
mana koo keessa hin jiraatu; 
namni soba dubbatu tokko iyyuu 
fuula koo dura hin dhaabatu. 
 8 Ani jalʼoota biyyattii hunda, 
ganama ganama nan barbadeessa; 
warra waan hamaa hojjetan 
magaalaa Waaqayyoo keessaa nan balleessa.