Faarfannaa Mootii Ulfinaatiif Faarfatame 
 Faarfannaa 24
Faarfannaa Daawit. 
 1 Laftii fi wanni lafa irra jiru hundinuu, 
addunyaa fi wanni ishee keessa jiraatu hundinuus kan Waaqayyoo ti; 
 2 inni galaanota irratti ishee hundeesseeraatii; 
bishaan irras ishee dhaabeera. 
 3 Eenyutu tulluu Waaqayyootti ol baʼa? 
Iddoo isaa qulqulluu sanas eenyutu dhaabata? 
 4 Nama harka qulqulluu fi garaa qulqulluu qabu, 
nama lubbuu isaa gara waaqa tolfamaatti ol hin kaafne 
yookaan nama sobaan hin kakannee dha. 
 5 Inni Waaqayyo biraa eebba, 
Waaqa Fayyisaa isaa biraa immoo qajeelummaa ni argata. 
 6 Dhaloonni kun dhaloota warra isa barbaadanii ti; 
kan dhaloota warra fuula Waaqa Yaaqoob barbaadanii ti. 
 7 Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa; 
isinis balbalawwan durii, 
akka mootiin ulfinaa ol galuuf ol qabamaa. 
 8 Mootiin ulfinaa kun eenyu? 
Waaqayyo jabaa fi humna qabeessa, 
Waaqayyo isa waraana keessattis humna qabu sanaa dha. 
 9 Yaa karroota nana, mataa keessan ol qabadhaa; 
isinis balbalawwan durii akka mootiin ulfinaa ol galuuf 
mataa keessan ol qabadhaa. 
 10 Mootiin ulfinaa kun eenyu? 
Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu sun, 
inni Mootii ulfinaa ti.