Kadhannaa Namni Qajeelaan Kadhatu 
 Faarfannaa 7
Shiigaayoonni Daawit kan inni waaʼee Kuushi namicha gosa Beniyaamiif jedhee Waaqayyoof faarfate. 
 1 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, ani kooluu sitti nan gala; 
warra na ariʼatan hunda jalaa na baasi; na oolchis; 
 2 yoo kanaa achii isaan yeroo namni na oolchu hin jirretti, 
akka leencaa na cicciratu; na kukkutatus. 
 3 Yaa Waaqayyo Waaqa ko, yoo ani waan kana godhee jiraadhe 
yoo harka koo keessa yakki jiraate, 
 4 yoo ani nama nagaadhaan na wajjin jiraatutti hamaa hojjedhee jiraadhe, 
yookaan yoo ani sababii malee diina koo saamee jiraadhe, 
 5 diinni koo ariʼee na haa qabatu; 
jireenya koo lafatti haa dhidhiitu; 
ulfina koos awwaara keessa haa buusu. 
 6 Yaa Waaqayyo aarii keetiin kaʼi; 
dheekkamsa diinota kootti kaʼi. 
Yaa Waaqa koo anaaf dammaqi; murtii qajeelaa labsi. 
 7 Yaaʼiin namootaa naannoo keetti walitti haa qabamu; 
atis ol gubbaadhaa isaan bulchi. 
 8  Waaqayyo sabootaaf murtii haa kennu. 
Yaa Waaqayyo, akka qajeelummaa kootiitti, 
akka amanamummaa kootiittis naa murteessi. 
 9 Yaa Waaqa qajeelaa, 
kan yaadaa fi garaa namaa qortu, 
fincila hamootaa balleessi; 
qajeeltota immoo jabeessii dhaabi. 
 10 Gaachanni koo Waaqa; 
inni gara toleeyyii ni oolcha. 
 11 Waaqni abbaa murtii qajeelaa dha; 
inni Waaqa guyyaa hunda dheekkamsa isaa mulʼisuu dha. 
 12 Yoo namni qalbii jijjiirrachuu baate, 
inni goraadee isaa ni qarata; 
iddaa isaas dabsee qopheeffata. 
 13 Inni meeshaa nama ajjeesu 
qopheeffateera; xiyya bobaʼus ni qopheeffata. 
 14 Kunoo, namni hamaan hammina ulfaaʼa; 
jalʼina garaatti baata; soba dhala. 
 15 Inni gad fageessee boolla qota; 
boolla qopheesse sana keessas ni buʼa. 
 16 Dabni isaa matuma isaatti deebiʼa; 
jalʼinni isaas gubbee mataa isaa irra buʼa. 
 17 Qajeelummaa isaatiif Waaqayyoon nan galateeffadha; 
maqaa Waaqayyoo Waaqa Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.